Tue. Dec 18th, 2018

Uncategorized

Baga Nagaa dhufitan

Amazing

 Welcome to www.caboowanci.com

Harka Fuune Baga Nagaan Dhufitan Jechaa , Nagaa Koos Hin Hirraanfanne Akkam Jirtuu Kabajamoo Daawwatoota Garee Kana?
Akkuma Argitan Garee Kana Hojjachaa Jira Hin Fixxanne Obisaan Nu Eeggadha!

Magaalota Oromia Tokko tokko Keessa

Magaalota Oromiyaa tokko tokko keessatti kan akka Shashamanne, Adamituluu, Baatuu, Mogoo, Bishooftu, Walisso, Sabata, Danbidoolloo, Naqamitee, Geedihoo, Shaambuu KKF hundaa keessati walga'iin Afaan Amaaraatiin malee Afaan Oromoon geggeessuun hafaa jira. Kun ammoo uummata oromoo magaalittii keessa jiraataniif akka walgaicha irratti hin hirmaatne gochuurra darbee afaanicha quucarsa jechuun komataniiru.Oddeefannoo guutuu yeroo dhihooti isiniif dhiheesinna.

Dreams of Qubee Generation

qubee

By Seenaa Abdissa:
ANIS GAAF TOKKO.

Anis gaaf tokko nan arga,
abjuun qabu naaf raawwatee,
wal gadhiisaan mullatakoo
fuffunaanee wal qabatee.
Gaafa sanan rafee bula,
quufes yoon ta'e hagabuu,
ammasitti yoon ciiseyyuu,
takkaa hirribi nan qabu.
Maalan rafa maaltu tole?,
sobeeman gad ciisa malee,
otuu seenaan na himatuu,
tasa hirribi nan qabatu.
Guca ormaan otuu koorruu,
hambaa namaa otuu corruu,
kun jireenyaaree dhuguma?
Jireenyattis lakkaa'amaa?
Lubbuun jirraaf baanee gallee,
mullata keenya sakaallee,
kan ormaa hiiknee gad dhiifnee,
kunoo biyya fudhachiifne.
Egaa anis taa'ee ilaalee,
kanan arge hunda madaalee,
yaada joore maalan rafa?
Deemuuf ka'e barii lafaa.
Eessa ga'ee akkan dhaabadhu,
hin beeku lafan qubadhu.
Nan beeka garuu deemsikoo,
Biyya koof hin dhabu hiikoo,
anis akkuma LUUTERII
Abjuun qaba yaa lammii koo!!

Amma yoomittii Meeshaa WayyaaneeTaanaa?

Updated

Haroomameetii!

Sababa “misooma waliinii” jedhuun godina addaa naannawaa finfinnee magaala finfinnee jala galchuuf akkuma karoorfametti yeroo ammaa pilaanii waliinii kana hojiirra oolchuuf sochiin guddaan godhamaa akka jiru odeeffannoon karaa mootummaa ballinaan nutti himamaa jira.

Akka maastar pilaanii harawaa baheetti bulchiifni magaalaa finfinnee lafa heektaara kuma 54 fi godinni addaa magaalota 6 fi aanaalee baadiyyaa 17 walumaa galatti lafa keektaara miliyoona 1.1 kan haammatu dha.

Kan nama gaddisiisu garuu dhimma kana ilaalchisee dhaabbilee fi namoonni Oromoo bakka buuna jedhan tole ykn bade jechuu dadhabuu isaaniiti. Kuni gaaffii guddaa dha. Ummatni naannoo kanaa uummata Oromoo godinaalee kamiyyuu caala rakkoo guddaan saaxilamaa kan jiruudha. Sababni isaa ammoo magaalaa guddoon biyyattii uummata kan gidduutti hundeeffamuu isaati.

Mootummoonni hundi miniliki irraa eegalee hanga ammaa kan jiran uummata kana buqqisuu malee ijaarsa guddina magaalaa kana keessaatti osoo hin hirmaachisiin lafa isaanii irraa fudhachuun akka uummanni irraa buqqa’ee badu godhamaa tureera ammas itti fufee jira.

Sababni Oromoon naannoo kanaa caasaa mootummaa federaalaa fii bulchiinsa magaalaa finfinnee keessaatti hirmaachuu dhabeef sirni mootummaa miniliki irraa eegalee hanga ammaatti kan jiru Afaanii fi aadaa saba kanaa jibbuu fii jibbisiisuun afaanii fi aadaa isaanii fudhachuu dhabuun uummatni kun akka aadaa fii afaan isaatti qaana’u/saalfatuu fi gadaantummaan itti dhagaahamuu itti yaadamee waan hojjetameefi.

 


 

 

tplf

Sirna amma jiru keessatti naannawaan kun yeroo jalqabaa godinaalee shawaa arfan jalatti caaseffamanii akka bulan godhamee ture. Yeroo dhihoo qabee ammoo maqaan godinaa addaa naannawwaa finfinnee jiedhu kennameefii jira. Garuu caasaan ammaa jirus ta’ee kan duri uummata kana buqqisuurraa hin ambifne.
Rakkoon uummata kana qunnamaa turee fi ammas jiru lafarraa buqqa’uu qofa osoo hin taane, sababa keemikaala industrii adda addaa keessaa baahu osoo kunuunsi naannoo hin godhamiiniif gadi gallakkifamaniin faala’iinsa bishaanii fii qilleensaatiin dhibeen sanyii balleessu (genetic problem) tiin saaxilamaa jiru.

Gama siyaasaatiin yoo ilaalle fedhiin habashootaa uummatni kun akka buqqa’u gochaa jiraniif, Oromoo fi Oromiyaa kan jedhu giddu gala biyyatti irraa fageessuun tokkumman Oromoo akka hin cimne gochuudha. Karoorri waggaa 25 dhufutti karoorfamaa jiru naannoo shawaa jedhamu hanga kilo meetira 150 mootummaa giddu galeessaa keessa galchuu dha. Kana jechuun maappiin Oromiyaa ammaa bakka saditti cituun dirqii ta’a. Kun ammo tokkummaa Oromoo akka cabsuu beekkamaadha. Bu’aan siyaasaa kanaan wal-qabatee irraa argatan, naannoon Oromiyaa jedhamu tarii sodaa naannoon kun gara biyya Oromiyaa jedhamutti ce’uu danda’a jedhamee shakkamullee abdii akka hin qabaanne gochuudha. Karaa biraatiin tuffii uummata kanaaf qabaniin buqqa’iinsii fi rakkoon saaxilamuun uummata kanaa habashootaaf homaa jechaa miti.


 

 


 

opdo
Kanaaf jecha Oromoonni hundi dhimmi kun nu hin ilaalu jennee ilaalla taanaan (hanga ammaatti callisnee ilaalaa jirra), rakkoon kun rakkoo uummata kanaa qofa akka hin taane beekuu qabna. Giddu galeessi biyyatti hanga km150 Oromiyaa irraa cite taanaan maqaan Oromiyaa jedhu akkamitti jiraachuu akka danda’a namni sammuu qabu yaaduu waan danda’uu dha.

Karaa biraatiin uummatni tokko lafa irratti dhalatee, horee, jiraate irraa sababa misoomaatiin buqqa’uu jechuun namni kamiyyuu akka dhala namaatti callisanee ilaaluun rakkoo maaliirraa akka maddu naaf gala hin jiru. Hardha lafa irraa buqqa’uunii fii weerrarri lafaa maqaa inveestaraan naannoo Gaambeellaa, Beeneshaangul, uummattoota kibbaa miidiyaa addunyaarratti darbaa jira. Kan qote bultoota naannoo finfinnee garuu akka waan hojii qulqulluu ta’eetti namni abbaa kanaa jedhu hin jiru. Kuni maaliif ta’e laata? Ammas kan anaan nadhibaa jiru callisuu habashootaa ykn mootummaa Itiyoophiyaa miti. Kan ajaa’iba natti ta’aa jiru kan Oromoota mirgaa Oromoof qabsoofana jedhanii sadarkaa adda addaatti wal-ijaaraa jiraniiti. Dhimmi kun dhimma Oromoo fi ajandaa Oromoo hin taane yoo ta’e ammo ifaan ifatti itti himamee uumatni kunis baree furmaata mataa isaatii qopheefachuu qaba. Akka qaama Oromoo fii Oromiyaatti dhimmi uummata giddu galeessaa kanaa Oromoota naannoo biroo biratti fudhatama hin arganne taanaan, faayidaan waliin jiraachuu maalinni? Uummatni kun karaa isa baasuun mirga dhalootan qabu addunyaatti iyyatee ofiisaatiin Oromiyaa irraas ta’ee finfinneen ala of bulchuun aadaa isaa fii afaan isaatiin dhimma bahuu akka danda’us baruu qabna. Uummatni kun osoo rakkoo irra jiruu lafa isaa kan saamaa jiru habashoota ykn mootummaa qofa miti. Oromoonni naannawaa biroo illee lafa uummata kanaaa saamaa jiru. Kanaaf uummatni kun fedhii mataa isaatii hin qabu kan jiraachuu qabu faayidaa namoota birootiifi moo maal jechaa dha? Dhimmi kun kan akka salphaatti ilaalamuu miti, boru hunda keenya akka Oromootti kan nu gaabbisiisu ta’uu irra deddeebinee osoo ilaallee gaariidha. Waggaa 100 oliif sabni kun ba’aa nafxanyootaa baatee jira. Ammas rakkoo bara minilikii caaluun saaxilame malee waanti bu’eef hin jiru. Adeemsa kanaan gara fuulduraattis yoo Oromoon akka waliigalaatti mirga isaa gonfate iyyuu uummatni giddu galeessaa kanaatiif waanti bu’u akka hin jirre muuxxannoo argame waan tokko nutti agarsiisaa jir!

Qaamni kamiyyuu maqaa Oromootiins ta’ee habashaa kan barbaadu uummata kanaaf akka darbu osoo hin taane lafa uummata kanaa saamuu akka ta’e hubannoon hedduun argamee jira. Giddu galli Oromoo fii Oromiyaa osoo horfamaa jiruu fi qaamni afuura baafatu bakk hin jirretti bilisummaa Oromoo fi mirga Oromoof qabsoofana jechaa of gowwomsuu Oromo saamsisuufi meeshaa alagaa ta’uu otoo dhiifnee gaarii natti fakkaata.
Galatooma.



Abdii Amantiif Fi Obsa

seena

By Seena Abdissaa

Addunyaan nama tokkoofuu kan hin mijanne biyya rakkinaati. Rakkinni qooda fokkisaa kan namni fudhachuu mitiitii, maqaasheeyyuu dhaga'uu hinjaalanneedha! Garuummoo utuu rakkinni hinjirree, namni kan hin hojjanne, kan irribaa hin kaane, kan hin tattaafanne... of gataa fi mugaa ta'a! Rakkinni wal'aansoo nama barsiifti, hojiif nama si'eessiti, lafee namaa jabeessiti, seexaa nama keessa facaafti,...dhibooft­uu moofaa badhaafti! Namni kufee ka'ee, bu'ee ba'ee, dafqee dhama'ee kan fiigu rakkina mo'uufi.Yeroo tokko tokko garuu tulluun rakkinaa ol ka'ee, ija namaa dura maruun jiruu fi jireenya hadheessee, ifa saafaa dukkaneessee, abjuu egeree achii balleessee, kaayyoo naaffisee, yaada galteessee... tarkaanfii hintaane keessa nama buusa. Tarii "ebelu of ajjeese, summii dhuge, qalbii dhabe..." yeroo nuun jedhan ni dhageenya. Namoonni rakkina malee, abdii dura isaanii jiru yeroo arguu dhaban of balleessuu filatu.Yeroo dhiphuun ija baasee namatti dhaadatu, abdiinimmoo alaala dhaabattee "asan jiraatii of hin jibbin, of hin miidhin!" nuun jetti! Abdiin amilee kufe olkaafti. Lubbuu afaan boollaa geesse du'a oolchiti! Utuu abdiin hinjirree namuu lafarra hinjiru!!

Abdiin dhoksaa dha, aguuggii jala ykn dawoo duuba dhaabatti . Abbaan halle ishee hin argu. Fuulleen ittiin abdii hubatan jira-AMANTII! Amantiin ija, ija ittiin abdii argan. Ija ittiin haala qabatamaa har'aa keessaa ba'anii dhugaa bor dhufu ilaalan. Abdiin mucaa amantiiti!!
Yeroo haalli hamaan namatti marsu amantiin immoo, gaara rakkinaa gugguufsistee, qiliilee dukkanaa sanatti ibsaa namaaf qabdee, ija imimmaan jaamsuuf irraa fooggalu saaqxee..abdii alaala jirtu, eenyummaa ofii isa borii, ifa garasii boba'u namatti agarsiifti. Amantiin abdii har'a namarka hin jirre dhugoomsiti. Namni waan hojjatu tokko irratti yoo amantii qabaate malee utuma abdii akkamii argateeyyuu, albee ittiin of kutuuf ol fudhate lafa hinbuusu!
Abdiin "bor na bira geessee ni boqottaatii jabaadhu, kottu!" jettee waamti. Atuu waan suukaneessaa meeqa keessatti "bor garuu ani..bor... bor..." jechaa lubbuu of keessatti sossobdee akka as geesse yaadatteettaa?

Read More

New York mother throws baby

baby

New York (AFP) - A 27-year-old woman allegedly threw her baby daughter to her death from the window of their sixth-floor apartment, the third such tragedy in as many months in the city.


 

 

Her three other young children, aged four, eight and 10 and who were present at the time, have been placed in care.

Tenisha Fearon -- who ignored the pleas of her horrified neighbors -- has been charged with murder after the death of the six month old on Thursday in the Bronx.

A source told the local NY1 News that Fearon was suffering postpartum depression and NBC said the family was about to be evicted from their apartment.


 

Last month, another woman, 33, threw her baby daughter to her death from a seventh-floor window soon after giving birth, also in the Bronx. She had hidden her pregnancy.

On August 7, in Queens, another mother tossed her three-week-old son -- who later died -- out a fourth floor window. She apparently thought the baby was possessed by spirits.



 

%d bloggers like this: