Tue. Dec 18th, 2018

Year: 2017

Lakkuu Oromoo Ajjeesanii

 

 

Lakkuu Oromoo Ajjeesanii

Dugida Walitti Garagalichanii Awwaalanii

lakkuu Oromoo ajjeesuuBara ykn zabana bulichiinsitoota Mootummaa Ethiopia sana keessati Oromootu daa'iima lakkuu horate ykn godhatee ture. Mootummaan yeroo sana biyya bulichaa ture sun akka malee haare. Sababiin isaas moo lammiin ykn Sabin Oromoo akkamitti ijoollee horachuu danda'aa? Keessaayyuu lakkuu? kan jedhutuu bayyee aarissee. A m m u m a  k a n a  m u r t o on  d u ' a a  k u n  m o r m i i  i j o o l l e e  k a n a a  a k k a  i r r a a  c i t u u  t u r e . M o r m i i  i j o o l l e e  k a n a  i r r a a  c i t e e  a k k a  b o o l l a  t o k k o  k e e s s a t i  a w w a a l a m a n  g o d h a m e e . S i l a a y y u u  i j o o l l e e n  l a k k u u  k u n  m o r m i i  i r r a  a cite kun g a a f a  a w w a a l a m a n i i  a k k a  d u u d h a a f i  s e e r a  s i r n a  a w w a a l i c h a a t i  o t u u  h i n t a ' i i n  k a n  a w w a a l a m a n i  b o o l l a  t o k k o  k e e s s a t i  d u g i d d a  i j o o l l e e  k a n a a  w a l i t t i  g a r r a g a l i c h a n i i  i j o o l l e e  l a c h u u  b o o l l a  t o k k o  k e e s s a t i  a w w a a l a m a n i .

K u n  s e e n a a  d u g a a t i . E e r g a  g a a f a  s a n a a t i i  k a a s s e e  O r o m o o n  t o k k o  t a ' e e , A f a a n  t o k k o  t a ' e e , W a l d h a g a h e e , W a l  k a b a j e e , D i i n a  i s a a  i r r a t i  t o k k u m m a a d h a a n  d u u l e e , G a r g a r  f a c a ' u u  d h i i s e e  h i n b e e k u . B a r a  b a r a a n  e r g a m i t u u  d i i n a a t a ' u u d h a a n  h a m i l l e e  w a l c a b s i t e e , a k k a  n a m i n n i  w a a n t o k k o o  h i n  h o j j a n n e e  g u f u u  w a l i t t i t a ' a a j i r t i . A k k a s u m a i l l e e t a ' e e  o t u u  d h a k a a  t o k k o o  d i i n a  i r r a t i  h a ' a n i i  s a l p h a a  m i t t i  t u r e . U u m m a t a  m i l l i y y o o n a  a m m a  k a n a a  g a h u u t u u  U u m m a t a  b i c h u u  d h a a n  b i t a m a a , a c c u u c a m a a , a j j e e f a m a a , h i d h a m a a , r e e b a m a a , s a a m a m a a , a w w a a l a m a a , Q e ' e e i s a a i r r a a  h a r i y y a m a a , f i  a k k a n a m a a t i  o t u u  h i n  l a k k a a w w a mini tti j i r a .

H a r d h a  k u n  h u n d a a  i r r a a n f a t a m e e  w a ' e e  A m a n t a a , Z e r o o A n g o o  f i  G a n d u m m a a t u  O r o m o o  d h i p h i s a a j i r a . M a a l t a ' a a  o t u m a  i l l e e  t a ' e e  O b b o o l l e e s s i i  k e e  O r o m o o n  i n n i  S h a w w a a  s i  b u l i c h e e ? , M a a l t a ' a a o b b o o l l e e s s i i k e e  O r o m o o n  i n n i  B a l e e A r s i  y o o  s i  b u l i c h e e ? , M a a l t a ' a a  o b b o l l e e s s i i  k e e  i n n i  H a r a r g e e J i m m a  y o o  s i  b u l i c h e e ? , M a a l t a ' a a  o b b o o l l e e s s i i k e e  i n n i  W a l l a g a a  K a m i s s e e  y o o  s i  b u l i c h e e ? , O b b o o l l e e s s a k e e  i r r a t i  q a b i s s a ' u u n  b u ' a a  a m m a m  a r g a t e e  j i r t a ? W a g a a  1 0 0  o b b o o l l e e s s a  k e e  i r r a t i  q a b a s s a ' u u ! . M o o  O r t o d d o x x i i  i s a a  j i b b i t e e ?  M o o  I s i l a a m u m m a a  i s a a  j i b b i t t e e ?  M o o  W a q q e e f f a n n a a  i s a a  j i b b i t t e e ?  M o o  p r o t t e e s i t t a a n i t t i i  i s a a   j i b b i i t t e e ?

K a n a s  y o o  t a ' e e  D i q a a l a a  H a b e s h a a , D i q a a l a a  F a r a n j i i  f i, D i q a a l a a  A r a b a a  w a l i i n  j e t t e e  m a l m a d d e e s s u u , g a r g a r  w a l b a a s u u , f i  w a l  t u f f a c h u u n  k u n  b u ' a a  t o k k o o  i l l e e  h i n  q a b u . D i q a a l u m m a a n  A m a n i t a a  k e e t t i  d h i m m a a  m a t a a  k e e t i i t i  malee  e n y u u  h i n  g a l i c h u u.  Dhimma akkanaa kana mataadhuma kee keessatti ykn irrati battadhuutti Oromummaa kee jabbeefadhuu , dhiiga saba keetti gad naquudhaaf hin qabissa'iini, Oromummaa kee jabbeefadhuu kan durisuu qabu Oromummaafii Obbollummaa qofa dha.

Diinaaf karaa banuun kun fi gabrummaa of irrati dheeresuun kun of xiqqeessuu dha. Kabaja of dhoowwuudha. Nama of kennee, jireenyaa isaa dhiisee qabissoo Oromoo dhaaf dhiiga isa lolaasaa , lafee isaa cacabissaa jiru xiqqeessuun kun maaf dhalataa? maaf ta'uu qaba? Dhuguma moo namoonnii Qabissoo Oromoo oganaa jiran kun erga ummata irra komiin itti ka'ee ykn issanitti qaqabee maal eegaa jiru dafanii nama uummanii barbaduu maaf bakka hin buufannee? maaf uummata wal nyaachisuudhaaf deemuu? Saba maaf wal dhabisiisuu? Isaanituu caala moo Uummata Oromoo amma kana gahuuttu caalaa? Akka Aadaa ykn Sirinna Gadaa fi Seeraafi heera dhaabichaatis yoo ta'ee maaf of hin keessummeessanii? Sababa ogansa nama muraasaaf jechaa dhaabinni oliif gad fafaca'ee, Oromoon gar gar faffaca'ee, fi Oromoon naannoofi Amanitiidhaan gar gar bahuu hin qabu itti yaada! .

Dhaaba enyuutuu illee haa ta'uu eerga akka Sirna Gadaatiin angoo walitti hin dabarsuu ta'ee boru akka caraa gaafa Oromian bilisummaa argatee ykn bilisoomittee mee akkam gochuuf deemaa jiru? akkam ta'aa? moo akkumma Sirna warraa dhoqqootaa dikitaataroota Afirikaafi Arabootaatiin nu bulichuuf deemuu?

Kanaaf diinni Oromoo daa'iima lakkuu dhalatee albeedhaan morma isaanii irraa kutee, reenfa ijoollee obboolloota keenyaa irra nu teesisee, jimilaadhaan Oromoo ukkaamissuun , hidhuun , abidaan gubuun kun hundaa hommaa garaan nu hin aaruu ? Dhihee barihee wal irratti duuluu, wa'ee Amanitaa qofa leelissuu, waa'ee lagaafii naannoo qofa leellissuu kun faayyidaa waan qabu natti hin fakkaatu.

 

Nadhani Tilahun

Ethiopian Amibbaasaadara Sudan Kibbaa

 

Ethiopian Amibbaasaadara Sudan KibbaaMoottummaan Wayyaane rakkoo cimaa keessa galtee jirti. Akka odduu tokko tokko jedhutti Ethiopian Amibbaasaadara Sudan Kibbaa biyya ethiopia keessa jiru ariyyachuuf jette itti milka´uu dadhabiddee jirti. Sababiin moottummaan Ethiopia Amibbaasadara Sudan Kibbaa ariyachuuf itti xiyyeefatee, wal quunamitti biyya ethiopia fi sudaan kibbaa kun battalumatti waan addaan citee ta´uun isaa beekamee jira.

Torbaan darbee keessa prezidaantiin sudan kibbaa salvaa kiir hojii dhaaf gara biyya Egypt itti deemanii waliif galtee wayii mallateessanii jiru moottummaa masrii wajjiin. Haa ta´uu malee dhimmi kun moottuummaa Ethiopia biyyee tokko yaaddeesee turuun isaa ni beekama. Dhimma kana irrati ibsa tokko akka gootuuf moottummaan Ethiopia prezidaanitii Sudan Kibbaa Salvaa Kiir gaafachuun ishii ni yaadatama. Deebiin gara sudaan kibbaatiin kenamee wal dhaha ture. Tokko Sudan Kibbaa yoommi illee yoo ta´ee rakkoo biyya Ethiopiatti fiddu tokko enyuu wajjin nu hin mallatteesuunu kan jedhuu yoo ta´ee illee inni biraa moo maaliifi dhimmii nu Egypt wajjin mallateessene moottummaa Ethiopiatti himuu qabinna? Isaan enyuu dhaa? Enyuu illee yoo ta´ee hin soddaannuu kan jedhu ture.

Amma moo haalli hunduu itti jijiiramee Moottummaan Sudan Kibbaa magaala Juba keessati mormitoota Ethiopiaa dhaaf waajira banitee jirti. Dhimmi kuns moottummaa Ethiopia akka malee haarisee jira. Mormitoota Ethiopia dhaaf waajira Juba keessatti banamuun isa moottummaa Egypt wajjin walii galtee dhaan.

Kanumaan kan ka´ee egaa moottummaan Ethiopia Amibbaasaadara Sudan Kibbaa Finfinne keessa ariyyachuu tataafii goottu illee Amibbaasaadarichii bakka bu´aa gamitaa tokkumma Africa waan ta´eef ariyyachuu dadhabidee jirti. Haa ta´uu malee dhimmii kun amma ammaati ifa hin baane moottummoonni gara lachuu waakachaa itti jiru.

Dabalataanis haawwasinni Oromo fi dhaabilleen Oromo dhimma kana irrati hojatee qabissoo Oromo gara daanigaa Oromia keessati achii butuun barbaachisaa dhaa. Garuu gochii kun tarii hojii wayyaanee akka hin taanees sirriitti hubatamuu qaba. Tarii moottummaan wayyaanee gocha kana beeka mormitoota hundaa biyya Sudan Kibba kana naqixxee achumatti tokko tokko keessa fixxuufi yaadee yoo gocha kana kan gootu ta´ees irrati yaaduun barbaachisaadha.

 

Alemayehu Tilahun

Warshaan Kaldhee Freendshiip Nama Fixe

 

Warshaan Kaldhee Freendshiip Nama FixeWarshaan China (Friendship Tannery) kaldhee omishuu magaala oromia Modjoo keessati argamuu dargaggoota akka malee miidhaa jira. Warshaan kun kan hojii isaa jalqabee wagaa afur dura yoo ta´ee illee amma ammaati namoonni ykn dargaggoonni waajira sana keessati mindeeffatamanii ykn qaxaramanii jiraatan irratti harkaafi qaaminni isaanii irraa kan citeefii kan midhamee lakkoofissa hin qabu.

Warshaan Kaldhee freendshiip nama fixe jedhamee yeroo dubbatamuu bayyee waan salphaa namatti fakkaata garuu batalumaatti ykn guyyaa bulii hojii itti jalqabani irraa kaassee nama meeqaa meeqatuu harkii fi miillii irraa kan citee mana isaanii keessati walidhaansa tokko malee jiraachaa jiran hedduudha. Warishaan kun namoota ykn hojatoota achii keessa hojachaa jiraniifi of eeggannoo tokko malee (Safety shoes, Gloves, Safety clothes, Trailing ) kkf fi haala hojii itti hojjatan otuu hin barisiisiin gara maashinaafii gara hojiitti erguudhaan dargaggota hedduutuu harkii lamaanuu irraa citee mana isaanii keessa ta´aa jiru.

Kanuumaanis wal qabatee maashina moofaa hojii irra akka hin oolle dhoowwameen warshaan kun oomishaafi hojii hojjachaa jira. Dhimma kana moo dura bu´ee ykn hordofee seera irrati dhiheesuu hin danda´aminnee harki moottummaa waan keessa jiruuf. Kana qofa illee mitti yeroo ammaa naannoon Oromia hundaa bakka warishaaleen kun jiran hundaa irrati laginnii fi haroon manica´aa jiran. Moottummaan Wayyanee ta´ees moottuumman Oromia namoota naannoo kana keessa jiraniif furmaata tokko laachuun hin danda´aminnee.

Dargaggoo Oromo ta´ees biyyii Oromia ykn lafitti Oromo haala addaa addaatin maca´aa jiritti. Dargaggoota kanaafis haala naannoo qulqulinna miidhaa hojii isaaniifi jireenya isaanii irrati hojachuun dadhabamee huminaafii yeroo isaanii haala gahaa hin taaneen saamaa jiru. Kan biraas moo lafa Oromia kanas moo keemikaalaan manicaasaa jiru. Yeroo kaan bishaaniifii haroo irraati summii gad itti lakkisanii naannoofi uummata ficciisiisa jiru. Yeroo biraa moo maqaa misoomaa jechaa Abaaboo irrati omishuudhaan lafa kana keemikaala gochaa jiru.

Kan irrati abbaa ta´ee irrati sooreesa fi dureesa ta´uu China fi wayyaanota. Ilimaan Oromoo achii keessati huminni ishiifi yeroon ishii achi kessati dhuma jijjiirama tokko malee. Sana qofa illee mitti qaaminni fi lubuun isaanii tasa bada jechaadha beenyaa tokko malee.

Alemayehu Tilahun

Haroon Baatuu Summaa´ee Lubbuun

 

Haroon Baatuu Summaa´ee LubbuunHaroon Baatuu ykn Lake Dambel magaala Baatuu ykn Ziway keessati argamitti. Haroon Baatuu magaala Finfinne irra km 123 faggaatti. Balidhinni Haroo kanaa duri km 37 kan fagaatuu yoo ta´uu yeroo ammaa kanatti moo dhibachuudhaan gara balidhina km 25 itti gad bu´ee jira. Gad faggeenyii isaas meetirii 9 amma meetirii 12 ta´aa. Haa ta´uutti yeroo ammaa kana Haroon Baatuu Summaa´ee Lubbuun namoota 12 yeroo garaagaraati akka darbee jiraattonni ni dubbatuu.

Akkasumas beeladdoonni, Sombroonni, Allaattonni, fi Qorxxummoonni garaagaraa akka du´aaniifii lakkoofisii Qurixxuummii keessayyu akka hin jirre dubbatuu jiraattonni. Yeroo ammaa kanatti jiraattonni jireenyaa isaanii bishaan kana irrati hundaa´ee akka malee akka miidhamaniifii rakkoo adda addaatiin akka saaxilamaa jiran dubbatu.

Rakkoon guddaan jiraattotaafii horii akkasumaas Qurxxuummii irrati rakkoo fi lubbuu isaan irrati summuu ta´ee du´aaf kan isaan saaxxilaa jiru Warshaalee ykn Factor naannoowwa Haroo kana jiraan summii Warshaa kana irraa bahuu bishaan ykn Haroo kana keessati gad dhangala´aa ykn gad nami´aa jira. Haroon kun summii warshaa kanaan faalamee ykn summa´ee jira. Dirqama moo namoonnis ta´ee Qurixxummoonni bishaan kana waan gargaaramaniifi dhibee ajjeechaadhaaf saaxiluun qabamaa jiru.

Kan biraa moo jiraattoonni naannoowwa sana jiran galiin isaanii ykn jireenyii isaanii Qurxxuummi kana baasanii amma tokko gurguruufii achumatti waadannii gurguruudhaan amma tokko galii irra argachaa jiru. Haa ta´uu malee hojiin kun qulqqulina naannoo sanaa fi qulqqullina Haroo kanaa qoree ykn falimmee jira. Moottumman ykn qaaminni ilaalatu tokko namoota kanaaf baruumisa gahaafi gargaarisa tokko gochaafi hin jiru. Namoonni jireenya isaanii Qurixxummi gurguruufii Qurixxummii waadaa jiraataniif gurimeessanii galii isaanii jabeesuufii qulqqullina naannoo sanaas eeguu irrati xiyyeefatee gargaaruu tokko illee hin jiru. Kanumaan kan ka´ee jiraattonnis Haroon kuns miidhamaa jiru.

Gara mottummaatin moo dhimma kana irrati fi jireenya lubbuu namaata akkasumas jireenya Qurixxummototaa irrati du´aa murteesanii jiru. Duruuyyu moottummaan Wayyaanee ilimmaan Oromo fi qabeenya ilimmaan Oromoo miidhuun gara malee balleesuun beekamaadha. Garuu dhimma kana irrati fi kkf hundaa irrati bulichaa aanaa Baatuu fi akkasumas bulichiinsi magaalichaa gaafatamanii akka yaada irrati kenaniifi fedhii dhabuu isaanii beekamee jira. Dhimma kana irrati yaada tokko yoo kan kennan yoo ta´ee battalumatti akka hidhamaniifi hojii isaanii irraa akka hariyya´aman dubbatu. Kanaaf moo jiraattonni magaalichaafi namoonni qaaminni issaa ilaallatuu akka dhiibbaa irrati godhan jiraatoonni tokko tokko dubbachaa jiru.

Alemayehu Tilahun

Tedros Adhanom Kadhaadhaaf Fiji Seenee

 

Tedros Adhanom Kadhaadhaaf Fiji SeeneeDr. Tedros Adhanom Kadhaadhaaf Fiji seenee jira. Kadhaan kun moo fillannoo World health Organization director ta´uu dhaaf kan akka kaadhimamaati dorgomaa jiru waan ta´eef biyyi Fiji jedhamituu kun deegarisa gara hundumaatiin barbachiisun hundaan akka bira dhaabbatan jechaaf guyyaa kaleessa 08/01/ 2017 akka achii gahee beekamaadha.

Dr. kun daawwannaan isaa magaala Suva Colonial War Memorial Hospital jedhamuu irrati akka dubbateetti biyyii Fiji dirqama wa´ee fayyaatiif dursa kennuu qabdi kan jedhu ture kan dubatee. Dabalataanis moottummaan Fiji dheebee sagalee hin qabinnee ykn non communicable disease jedhu tohachuudhaaf dirqama irrati hojjachuu qaba jedhee dubbachaa ture. Dabalataanis hardha kana kadhaa isa moottummaa biyyaati wajjin dubbata jedhamee eegamama.

Egaa rabbii isinitti haa agarisiisuu mee ilaalamee namichii machuufittu kun kan biyya isaatuu nama meeqatuu walidhaana fayyaa dhabee, gargarisaa dawwaa dhabee, hanqina mana yaala dhabee, hanqina doctooroota dhabee, hanqina hospitaalotaa dhabee fi kkf hundaa otuu beekuu akka waan biyyaa isaa keessa rakkoon tokko illee hin jireetti of fakkeessee kan kana fakkaatuu dubbachuun isaa bayyee nama naasisas nama qaanesas.

Kana hundaa bira darbee moo biyyiittin kun ykn biyya firoottan isaa bulichaa jiran kun rakkoo isaan uummanii irraan kan ka´ee Uummata milliyyoona 10 ta´anittu yeroo ammaa kana gargaarissaa midhaan nyaata barbachisa. Ummannuu rakkoo kana fakkaatuu keessa otuu jirtuu inni sadarkaa biyya bulichiinisaa irraa ka´ee biyya erga diigee qabeenyaa biyyattin qabiddu ergaa keessaa xuuxannii fixanii booda itti gaafattamumma jalaa bahuuf jechaa sadarkaa adunyaa irrati ofi muuduudhaaf ofi qopheessaas akka muudamanii biyyootii adda addaa kadhachaa jiru.

Biyyii isaan keessa jiran kadhatuufii beeloofituu akkasumas duubati hafituu third world ta´uun ishii otuu beekanuu biyya guddateef dhaqanii itti muudhamuu fi itti angoo qabachuun kun isaan irraa beekeeti moo kadhaadhumaan achii ta´ee maalaqa itti argachuufii? Erga inni dandeetti isaa qabaatee maaf biyya isaa kan rakkoon adda addaatin laamishofitee kana rakkoo fii beela jalaa baasuu dadhabanii? Inni erga Dr. ta´ee sadarkaa adunyaatti isa muudu ta´ee maaf dhibee adda addaa ittin uummanni du´aa jiru furtuu maaf hin taanee? Deebii isaa isinnumaaffan dhiissa.

 

Alemayehu Tilahun

Oromia Keessati Meles Park maal godhaa

 

Oromia Keessati Meles Park maal godhaaMoottumman Wayyane Jiruu ishii, Reenffa ishii fi Eekeraa ishii Oromia keessati awwaaluun maaf barbachisee? Oromia keessati Meles park maal godhaa?. Dhugaadhumatti waan hin haalaminne tokko Meles Zenawi gochii ilmaan ykn dhala Tigray fi godhee gaafi hin qabus akkuma inni jedhee biyya isa inni uummata Warqee keessa dhalachuun isaa isa boonisaa ture Uummata isaa Warqee afeefi Warqee fakkaachisee jira.

Kanaafi moo kun uummata Tigray fi kabaja guddaa dhaa. Eekeraa Meles Zenawi tolfachiisanii mana mana isaanii keessa illee yoo kewwatan waan isaan gamachiisuu malee waan itti gaddan tokko illee hin qaban. Nutis dhimma irraa hin qabinnu. Jechuun egaa isaaniif waan guddaa otuu olee jiruu maaf akka Eekeraan isaa Oromia irrati ijaaramu naaf hin gallee. Moo tarii Tigray keessati yoo godhamee dhalatoota ittaananiif lafa akka jalaa hin qabinneef moo biyya inni itti dhalate bira dabarisanii keessayyuu lafa Oromia irrati ijaaruun kun dubbii qaba.

Akkuman jechuu dhaaf yaaletti Oromian kun uummata kana waan hedduu badhaasaa jirti. Jireenyaa lubbuu isaaniitin jiraatan ykn jireenyaa guyya guyyati jiraatan bira darbee, jireenyaa qabeenyaa itti argatanii abbaa qabeenyaa itti ta´an bira darbee fi akkasumas abbaa lafaa abbaa Warshaa itti ta´aniifi amma moo keessa darbanii ykn bira darbanii kosii isaanii lafa Oromia irrati maqaa parkii jedhuun daaniggeefatanii ilimaan Oromo lafa isaa irraa buqissaa jiru.

Kaaba Finfinne bakka Gullallee fi Inxooxoo jedhamuu kana keessa Albuudota garaa garaa akka jiran ni beekama. Akkasumas Bishaan qulquluufii Bishaan Meneraalii namaafis Horii dhaaf gaarii ta´ee akka jiru ni dubatuu. Dabalataanis Bosona gurguddooniifii mukitii gurguddoo akka achii keessa jiranis beekamaadha.

Haa ta´uuti kanuumaan wal qabatee haa ta´uu hin beekaminne malee Moottummaan Wayyaanee tplf kun Gullallee keessati paarkii maqaa Meles jedhu kanaan ijaaraa jiru amma gara xumuraa irra jira. Keessummaayyuu namoonnii keenya naannoo sana jiran horii isaanii bakka itti baafataniifii muka addaa addaa bakka irraa argachuu danda´an waan ta´eef ammas Uummata Oromo naannoo sana jiru buqqisuudhaaf jiru. Naannoo Gullallee jedhamuu kanatti yeroodhaaf Parkii dhuma kana ijaaraa jiru malee lafa dheerrannii ykn balidhinni amma kana kan jedhuu hin turreeyyuu. Amma garuu erga parkiin kun ijjaaramee dhumuufi qophaa´ee beekamee booda lafa babalidhifachuuf jechaa akka saamichaaf isaanitti toluutti ilimmaan Oromoo naannoo sana jiran issati dhiibban guddaan ta´aa jira. Amma Oromoo naannoo Gullallee jiran nu qaqabaa jechaa jiru.

Alemayehu Tilahun

%d bloggers like this: