Hirirra Guddaa Magaala Berlin IRRATTI

 

Hiriirra Guddaa Magaala BerlinHirirra guddaan tokko biyya German Magaala Berlin keessati Fulbaana 16 bara 2017 gaggeefamee ture. Hirirra kana irrati Hawaasinni Oromo biyya German keessa jiran hundaa qooda isaanii fudhatanii jiru. Keessumaayyuu Hawaasinni Oromo Komuniitii Berlin fi Hawaasinni Oromo Komunitii Darmstadt gahee guddaa bahanii jiran. Akkasumas qophii kanaafi Dhabileen mirga dhala namaaf falmanii qophii kanaafi baasuu ammana hin jedhaminne baasuudhaan sagaleen Oromoo adunyaa kana irrati dhagahamee olee jira.

 

Haluma kanaan gaafiin gurgguddoo Ummani Oromo qabu Mootummaa German hatatamaan akka deebsuuf gaafatanii jiru. Kaneen keessa Mootummaan German gargarissa Mootummaa faashiitii wayyaanee akka dhaabbatuu, Maqaa Invasitimeetii jedhuun qotee bulaan Oromoo akka lafa isaa irraa hin buqaanee, Hidhamitoonni Siyaasaa hundaa kan akka Dr. Mararaa Gudinaa, Bekele Garbaa, Addisu Bulalaa, Dejene Xafa fi kkf hundaa hatatamaan akka mana hidhaa keessaa baha.

Darbees moo Yeroo ammaa kanaafii wagaa wagaadhaan ajjeechaan Oromoo huminna Milishaa Liyyuu Polissii Somaalee dhaan ta’aa jiru akka dhaabbattu, Gochaan TPLF harka lafa jalaatiin Ummata Oromoo fixaa jiru irrati beekamee Mootummoonni Awwuropaa Mootummaa Ethiopia Wayyanee kana irraati qoqqobbii godhaaniifi kkf gaafachuudhaan Hirirraa guddaan tokkoo bahamee jira.

Akkasumas mirgii Oromo biyya German keessa jiran ykn mirgi dadhannoo argachuu akka mirkanaa’uufi caraan barumissa akka eyyamamuufi kan gaafachaa olan ta’uun isaa beekamee jira.

 

 

 

 

 

 

Nadhani

Leave a Reply