Ergaa Cimaa Namoota Oromoo Irrati Goota Ta’aniif

By: Jawar Mohammed.

Oromoo Irrati goota ta'uun dura diina irrati qabisa'uun bu'aa guddaa qaba.Walitti aaruufi walitti wacuu marsaalee hawaasaa irratti deddemu kanarratti akkan waa jedhu qaamaafi fagonis dhaamsa hedduun argadhe. Erga jettanii kunoo yaada kiyya akka armaan gadiitti dheeressee barreesseetin jira. Obsaan dubbisaa. ======================Jeequmsi sababa Facebook Live haasawuu kun faashina yeroon fidde waan ta’eef ni dabra. Qabsoon tun amma duras faashina akkasiitin raafamtee bira dabarte. Yoo yaadattan gaafa qabsoon teenya dura interneet fayyadamuu eegalte marsaalee imeelii (e-mail distribution netwrok or listserve) fayyadamuun mariin gaggaariin godhamaa ture. Oromoonni addaan faca’anii turanis toora ittiin yaada wal jijjiiran argatan. Dhawaatan garuu namoonni atakaaroo keessa galuun, maqaa wal balleessuun faashina ta’aa dhufe. Qabsoo keessattis jeequmsa uumaa dhufee balaa guddaa geessise. Garuu dhawaataan namuu waan kana hubatee nuffee barreessuufi dubbisuu dhaabuun harka keessaa luqqifachuu eegale. Marsaaleen sun gariin ni cufaman kan hafanis namuma lamaa sadiitu keessaa waa babarreessaa jira.

Akkasumas gaafa dura Oromoon ‘Paltalk’ dhaan wal baratees dhimmoota qabsoo jajjaboo irratti haasayuun, namoota rakkatan gargaaruun, akkasumas barnoota waliif kennuun danda’amee ture. Garuu adeemsa keessa kunis bakka walitti wacaniifi maqaa walballeessan ta’aa deeme. Jeequmsa mooraa qabsootiis daran hammeessuu keessatti shoora taphatee ture. ‘Paltalk’ hardhas namoonni hedduun kan fayyadaman ta’us namni waan achirratti haasayamu onneetti fudhatu xiqqaatee jira. “Dubbii Paltalk’ jechuun namuu laaffisee ilaala. Kan Facebook LIVE kunis dhawaataan akkasuma gatii dhabaa waan deemuuf hedduu dhiphachuun hin barbaachisu. Hammasitti garuu balaa geessisuu danda’u hirdhisuuf hubannoo armaan gadii qabaachuun gaarii natti fakkaata.

1) Faaydaa babal’achuu sab-himaalee keessaa tokko namoota dhuunfaa aangessuu ( empower) dha. Kana jechuun namoonni baasii xiqqaan bakkuma jiranii ilaalcha isaanii akka ummataan gahan aanjessee jira. Babal’achuun marsaalee hawaasaa midiyaa to’annaa dureeyyota, jaarmiyootaafi mootummoota harkaa baasee harka namoota dhuunfaa galchuun walabummaan yaada waljijjirachuu akka babal’atuufi lammiileen akka humnooman godhee jira. Haa ta’uu ammoo xiqqaa guddaan, maraataafi fayyaan to’annaa ( mediation/ regulation) tokko malee yaada mataa isaanii ummatatti akka facaasan godhuunis miidhaa ni qaba. Kanaafuu yeroo namni tokko Facebook gubbaatti ol bahee garee siyaasaa ykn hawaasa tokko arrabsu namni sun eenyu, sababni aarii ykn naamusa dhabuu nama sanii maali jennee qorachuu feesisa. Namuma dubbate hundaa dhugaatti fudhannee kan aarruu fi deebii kenninu yoo ta’e abidda belbelaa jirutti gaaza raphuu taati. Ibidda jallaan keenya qabsiise kan nagayaa aaree gaaza itti raphuun diinni ammoo qilleensaan daran hafarsuu akka dandeessuuf hiree banuudha. Haala kana ammas argaa jirra.

2) Namootaafi jaarmayoota nuun morkan jedhan irratti duuluun siyaasaa Itoophiyaafi Oromoo keessatti akka tooftaa qabsootti fudhatamuun humnifi yeroon guddaan akka irratti bahu beekamaadha. Tooftaan kun murna irratti duulamu san miidhuu mala. Garuu murna duulu san illee hin guddisu, daranuu qancarsa male. Maalif? Humni, beekkumsiifi yeroon murna nuun dorgomu laaffisuuf goonu sun kan silaa hojii jaarmayaatiif ooluu malu irraa kan hirdhifamee waan ta’eef. Dabalataanis xiyyeeffannaan keenya murna nu cinaa jiru irratti waan ta’uuf diina laaffisuuf fuuldura deemuun ni irraanfatama. Kanaaf ragaan guddaan EPRPdha. Jaarmayaa gaafa gadaa isaa amma sana biyya sochoosuu danda’e, kan qancarsee boda ajjeese sababni guddaan tokko duula namootaafi murnoota isaan waldorgoman irratti godhaa tureedha. Murnoonni isaan dhabamsiisuuf yaalan irraan tarkaanfatanii bira dabranii jiran. Mooraa qabsoo Oromoo keessattis osoo morkiin murnaa faayidaa qabaatee qaata bilisoomne. Kanaafuu hogganoonniifi miseensonni jaarmayoota Oromoo murnoota isiniin dorgoman seetan laafisuuf yaalurra, dalagaa qabatamaa qabsoo Oromoo gara fuulduraa forguggeessu irratti yoo fuulleeffattan jaarmaya keessaniifi qabsoo sabaatiifis bu’aa qabatamaa buusuu dandeessan. Yoo murni/ gareen ykn namni tokko jaarmaya keessanitti duules deebii haalo- bahiinsaa kennaa ooluurra jalaa caldhisuun hojii qabatamaatti fuulleffachuutu wayya. Maalif jennaan ummanni abbaa odeessuufi kan dalagu laalee waan arguuf jalqabarra kan odeessuuf gurra laatus oolee bulee gargaarsa qabatamaan abbuma dalagu waliin hiriira.

3) Murna siyaasaa tokko abaaruun hin ajjeesu, faarsuunis hin guddisu. Jaarmayni siyaasaa kan guddatuufi qancaru dalagaadhaani. Jaarmayni siyaasaa akkuma jaarmayaa daldalaati. Yoo hojii isaa tarsiimoofi tooftaadhaan maskame jabaatee hojjate ni guddata. Hojii dhiisee warra isaan dorgomu ( rivals/ competitors) abaaruu irratti yoo fuulleffate ni qancara. Kanaaf obboleeyyan keenya jaarmayaa siyaasaa abaaruus ta’ee faarsuu irratti bobbaatan yeroo keessan hin qisaasiinaa. Jaarmaya jaalattan afaanin osoo hin taane qabatamaan gargaaraa. Kana jechuun jaarmaya saniif miseensa horuu irratti, akkasumas maallaqaafi meeshaa maddisiisuu irratti fuulleffadhaa. Fakkeenyaaf sa’aa lama Paltalk ykn Facebook gubbaatti namootaan atakaaroo seenuurra sa’aatilee lamaan san dabalata (overtime) hojjadhaatii galii san jaarmaya deeggartan saniif galchaa. Hojiin qabatamaan akkasii jaaramaya san ni cimsa. Jaarmayni sun cime jechuun qeeqa irratti geggeeffamu hojiidhaan irra aanee jechuudha. Akkasumas warri jaarmayoota qeeqaa ooltan, hamma feetan isin jaarmaya abaartaniif hogganaafi imammata jaarmaya sanii sirreessuu akka hin dandeenye beekuu qabdan. Kanaafuu jaarmaya jibbitan sanitti dhiphachuu dhiiftanii yeroo keessan san jaarmaya isinitti fakkaatu filattanii qabatamaan tumsuudhaan yoo ammoo jaarmayni isiniif ta’u dhabame dhuunfaadhaan qabsoofi qabsaa’ota gargaaruu irratti osoo fuulleffattanii wayya.
4) Namoonni gariin waldiddaa dhuunfaatis tahee siyaasaa gariin saffisaan gara aantummaafi jibba gandaa/ naannootti harkisuun amaleeffatamee jira. Namoonni abukaatoo ganda tokkoo tahanii Oromoota naannawa biroo irratti olola jibbaa oofan kun hedduun isaanii osoo duubbee isaanii qorattanii fakkeessitoota araddaa itti dhalataniifu naatoo dhugaa hin qabneefi tarkaanfii qabatamaan homaa hin gargaarreedha. Mee qalbeefadhaa laalaa. Namoonni olola gandummaa oofan kun baroota sadeen Oromiyaa keessatti sabni keenya araddaa hunda keessatti kumatamaan ajjeefamaa, madaayaafi hidhamaa ture san Oromiyaa guutuuf dhiisaati aanaa irraa dhalataniif isaanii gargaarsa qabatamaa godhu agartanii beektuu? Kanaafuu haasawa fokkataa namoota ganda isaanitifu naatoo dhugaa hin qabne kanaa dhagahuufi aarun deebii nama hedduu muufachiisuu malu kennuun sirrii miti. Hubadhaa cunqursaan Wayyaanee godinaafi ganda, amantiifi amalaan Oromoo adda filee deemaa hin jiru. Dhugaa kana ta’ee osoo jiruu atakaaroo naannummaa keessa seenuun doofummaa qofa osoo hin tane diinummaadha.

5) Akkuma tibbana agarru yeroo heddu waldhabbii namoota dhuunfaatu gara atakaaroo siyaasaa guddachuun achummaan olola murnootaa taha. Kunis sababa qaba. Ilmi namaa uumaadhaan kophaa loluu hin barbaadu. Guuza/ jigii baafachuu fedha. Kanaaf aarii/ hinaaffaa/ xiiqii/ jibba dhuunfaan nama tokkorraa qabu akka dhimma gareeti olkaasuun ( framing the dispute) gartuun isaatis dallanee akka cinaa hiriiru godha. Gara biraatiin ammoo waldhibdeen siyaasa irratti eegalte gara jibbaafi lola gartuufi dhuunfaa yeroo gadi buutu agarra. Kun waanuma siyaasaa hunda keessa jiruudha. Sababni isaas haasawa ( Communication) siyaasaa keessatti wantoonni afur walitti hidhamoodha. Isaanis dhaamsa ( message), abbicha dhaamsa dabarsu ( messenger), karaa/ bakka dhaamsi irraa dabru ( medium) fi hawaasa dhaamsi sun itti fuulleeffate ( audience) dha. Atakaaroo siyaasaa keessatti tooftaan barame tokko dhaamsa tokko dhaamsaan moo’achuun yoo dadhabame nama dhaamsa san dabarse ( messenger) ykn bakki dhaamsi sun irraa dabre ( medium) san haleeluudha (discredit). Tooftaan kun dhimma marii sanirraa qalbii facaasuun ( distract) mudaa abbicha yaada kaasee irratti akka fuulleeffamuu taasisa. Maarree waldhibdeen dhuunfaa gara falmaa murnootaa akkasumas garaagarummaan siyaasaa gara lola dhuunfaa deemuu tana mooraa qabsoo keessatti akkamiin irra haa aannu laata?

a) Kan duraa,yoo danda’ame mariifi falmii siyaasaa keessa muftoo, jaalalaafi jibba dhuunfaa galchuu dhaabuudha. Kana gochuun laaftuu akka hin taane naaf gala. Garuu yaaluun hin badu. Fakkeenyaaf namni tokko dhimma dhuunfaa keetii kaasee yoo si tuqe, atis deebii walfakkaataa dhiheessuu mannaa, dhimmuma marii irratti fuulleefachuun tooftaa nama sanii irra aanuuf ni dandessisa.

b) Gorsii hayyoonni siyaasaa namaaf laatan tokko “Qeeqa irra aanuuf gogaa naachaa baafadhu” kan jedhuudha. Kana jechuun gogaa jabaa laaftutti hin madoofneefi hin quncaane baafadhuudha. Siyaasaa keessatti yeroo balleessite dhiisii gaafuma tolchiteehuu qeeqamuun waan hin oolle. Qeeqa dhiyaatu hunda dhaggeeffachuun barbaachisaadha, deebii itti kennuun garuu dirqama miti; faaydaas hin qabu.
c) Dubbataa salphisuun jalaa caldhisuudha. Atakaaroo siyaasaa keessatti yeroo hedduu namonni hamtuu dubbatanii hamtuu afaanii nama baasu. Kanaaf warra dubbii barbaadu deebii dhoowwachuun afaan qabsiisuun ni danda’ama.

d) Atakaaroon siyaasaa yeroo tokko tokko hoo’itee gara walitti bu’iinsa dhuunfaa ni deemti. Balaa haalli kun uumuu malu karaa lamaan irra aanuu feesisa. Kan duraa yeroo dubbiin oowwite walitti deddeebisuurra bulfachuun aadaa Oromooti, tooftaa gaarille. Dubbiin bulte itittuu taati, mirri ni qabbanaaya, wanti se’aan walfalmisiisus ifa taha.

Kan lammataa hamma feetan yoo aartan nama tokko dhuunfaan ummata duratti arrabsuu/ xiqqeessuu irraa of qusadhaa. Nama tokko dhuunfaan ( in private) fi ummata duratti/ miidiyaa irratti ( public) yoo itti dubbattan hiikkaa guddaa qabaaf. Kan dhuunfaa sun hammaatu arrabsoodha, kan ummata duratti garuu salphisuudha ( Private insult vs public humuliation). Namni arraba ni irraanfata, ni araaramas. Ummata duratti salphachuu ( humiliation) garuu lafe waan seentuuf deebi’anii walitti fayyuuf rakkisaadha. Ilmaan Oromoo hamma feene yoo waliif galuu dhabne addaan cinnee hafuu hin dandeenyu. Oromummaafi qabsoon walumatti nu fiddi. Kanaafu atakaaroo siyaasaa keessatti ummata duratti walsalphisuun boru walitti deebinee hojjachuuf danqaa waan ta’uuf irraa of qusachuun barbaachisaadha.

6) Atakaaroo marsaalee hawaasa kana keessatti maqaan kiyya deddeebi’ee akka ka’u nan hubadha. Kanaafu qabxiilee lamaan tokko ifa godhuun fedha.

a) Ani nama barruunis ta’ee dubbachuun qeeqa narratti ka’uuf yeroo barbaachisaa ta’etti deebii kennuu danda’uudha. Kanaafuu namni dubbataa kiyya godhee ani ramade hin jiru. Namoonni waan na deeggaran fakkeessanii garee siyaasaas ykn hawasaasummas ta’ee nama dhuunfaa irratti duulan ana bakka hin bu’an. Deeggaraan kiyya nama hojii ani hojjadhu qabatamaan na gargaareedha.Garaagarummaan fedhe anaafi jaarmaya siyaasaas ta’ee nama dhuunfaa waliin yoo jiraate karaa keessaa kan ittin furrutu jira, jiraachuu baannaanis ni uumna.

b) Namoonni hedduun bifa adda addaatin akka na qeeqanis nin beeka. Kun mirga isaaniiti. Ani nama ummata fuuldura jiru ( public figure.) Oromoon akki jettu, namni ummata dura dhaabbatu, akka nama qullaa gabayaa dhaqeeti. Na hin laalina, as malee achi hin laalina, kan agartan hunda dinqisiifadhaa jechuu hin danda’u. Kanaafuu nama public figure ta’e qeequun mirga heeraafi uumaanis kennameedha. Namoonni gariin deeggaraa jaarmaya siyaasaa fakkachuun kan na balaaleffatanis jiraachuu malu. Hamman ani beekutti warri jaarmayaalee siyaasaafi hawasummaa Oromoo hoggannu komii walirraa qabnu karaan itti waliif dhiheessinu kan diriiretu jira. Warri interneetii irraa waan dhaaba wayii bakka bu’an fakkeessanii dubbatan ejjannoo dhaabbilee siyaasaa dabarsaa akka hin jirre beekamuu qaba. Namni hogganaa/ miseensa beekkama jaaramaya tokkoo tahe interneetii irraa olola kan banu yoo taate garuu jaarmayni sun eemaruu qaba.

c) Jaarmayni ani hogganu, OMN, heeraafi seera qaba. Namni akka gaazexeessaas ta’ee damee bulchiinsaatti OMN keessa jiru jaarmayas ta’ee nama dhuunfaa kamiiyyuu arrabsuus ta’ee abaaruun dhoorgaadha. Namni hojjattoota/ bulchiinsa OMN irraa komii qabu yoo jiraate hoggansatti komii dhiheeffachuu danda’a. Komiin sun ragaa qabatamaan dhihaatee, tarkaanfiin sirreessaa fudhatamuu baannaan anaafi hoggansi hafe itti gaafatamna. Garuu ammoo warra OMN waliin hariiroo caasaafi sirnaa hin qabne, garuu ammoo interneetii gubbaatti atakaaroo keessa oolan karaa ittiin to’annu hin qabnu. OMN kan dhaadhessu hojii isaati; kanaaf tifoozoo isa hin barbaachisu. OMN abukaatolee jajjaboo dipaartimentii seeraa jalatti gurmaayan qaba. Kanaafuu abukaatoo interneetii irraa isa hin barbaachisu. Namni hojii OMN jaalatu karaa qabatamaa sadihiin deeggara; maallaqa, ogummaafi odeeffannoodhaani. Jaalatotta OMN fakkaatanii atakaaroo uumaa oolun ummata afaanfaajjeessa malee OMN hin fayyadu. Kanaafuu warri akkasii yoo nu dhageessan dhaabaa jenna. Yoo dhaabuu baatan ammoo ummanni keenya jarri fira OMN osoo hin taane ajandaa mataa isaanii akka geggeessaa jiran akka nuuf beeku feena.

Haaluma wal fakkaatuun warri deeggaraa jaarmaya siyaasaa of fakkeessuun OMN irratti duulanis jiru. OMN murnoota siyaasaas ta’ee hawaasummaa Oromoo loogii tokko malee tajaajiluu akka qabu imaammata editooriyaalii keessatti ifatti kaayameera. Murnoota siyaasas ta’ee hawaasaa sagantaalee OMN irraa komii yeroo qabaatan kallattiidhaan bulchiinsaaf dhiheessu. Amma duras dhiheessaa turan. Marii waliin teenyee goonuun furaa as geenye. Gara fuulduraas haaluma kanaan itti fufna. Gareeleen tajaajilli OMN kennu nu hin quubsine jedhan miidiyaa ofii uummachuun mirga isaaniiti.

d) Miidiyaan heddummachuun Oromoofi qabsoo isaa ni fayyada malee hin miidhu. OMN miidiyaa Oromoo kamiiyyuu akka farraatti hin laalu; akka tumsaatti malee. Waan OMN hojjachuu hin dandeenye miidiyaaleen hafan waan hojjataniif ba’aatu irraa hirdhata. Kan biraa dhiisaati TVOn ololaan Wayyaaneetiin garaa ummataa bokoksu dhimmoota aadaa irratti bakka OMN gahuu hin dandeenye gahee waan dalaguuf hojii miidiyaa Oromootif faaydaa guddaa qaba. Gabaasani qorannoo ( investigative journalism) dhiheenya kana onnatanii eegalan ammoo daranuu bu’aa miidiyaa sanii ol guddisaa jira. Dimshaashumatti miidiyaaleen Oromoo baay’achuun waan gaariidha; sagantaaleen isaanii isiniif taanaan gargaaraa, isiniif ta’uu baannaan yaada ijaarsaa laadhaaf. Waldogommiin miidiyaalee jidduu jirus kan ololaa osoo hin taane kan hojii haa ta’u; jechuunis baay’inaafi qulqullina ( quality & quantitiy) sagantaalee irratti haa hundaayu. Waldogommiin miidiyaalee bifa akkasii qabu dirree miidiyaa Oromoo ni gabbasa, sabaafi qabsoo teenyas ni cimsa.

Wannin jala muruu barbaadu OMN, garee siyaasaas ta’ee hawaasaa kamiyyuu jala hin seenu; kamiiyyuu ofirraa hin dhiibu. Warri dantaa murnaatif jecha OMN ofitti harkisuus ta’ee ofirraa dhiibuu barbaadan hin milkaayan. OMN akka miidiyaa ummataatti (public media) walabummaa ofii eegsisee gareelee hunda obsa, naamusaafi ogummaadhaan tajaajiluu itti fufa. Kan faarsanis ta’ee kan abaaran, kan gargaaranifi hin gargaarre cufa waluma qixa tajaajila. Public Media jechuun akkasi.

Walumaagalatti babal’achuun miidiyaalee hawaasaa ummata akka keenya cunqurfameef hiree guddaadha. Sabboonummaa ni cimsa. Saffisaafi gatii xiqqaan walqunnamuun wal gurmeessuuf, tarsiimoo baasuufi diinarrtti duuluuf gargaara. Gara biraatin ammoo namoonniifi gareeleen tolchuu mannaa badii fedhanis salphatti qalbii ummataa facaasuun hamileefi abdii kuuffisuuf itti fayyadamuu danda’u. Kana hubachuun tooftaalee faaydaan nuti marsaalee hawaasaa irraa argannu, kan badiitin akka hin caalamne nu dandeessisan baafachaa socho’uu qabna. Tanas irruma aanna; waaqni nu haa gargaaru, nutilleen daran haa carraaqnu!! Ani kanan jedhe; kan hirdhate isin itti guutaa.

1 thought on “Ergaa Cimaa Namoota Oromoo Irrati Goota Ta’aniif

Leave a Reply