Finfinnen Keenya! Dhuguma Kan Isaanitti?

 

Addis AbebeWagooti 100 tokkoon dura magaal Finfinne maal akka fakkaatuufii enyuu irra jiraachaa akka ture ni beekinna. Hardha moo akka homtuu akka homaa hin taaneeti akka biyyi nagaa ta’eeti Finfinnen Keenya irrati dhalanne irrati guddanne nuti Oromias Afaan Oromoo hin beekinnu nu jechaa jiru. Kan bayye nama aarsuu lagachuu Afaan Oromo qofa otuu hin taane Ummani wagaa 100 dura achi jiraachaa jiran sun kabaja dhabuufiidha. Adaan Ummata sanaa maal ture? Afaan Ummata sanaa maal ture? Seenaan Ummata sanaa maal ture? Kan jedhu gaafii keessa otuu hin galiin kalleessafii hardhaa Ummata achii jiraachaa ture awwaalanii isaan lafa sanati warqee illee otuu dirriirsanii Gibrii (Tax) fi Beenyaan (Compensation) wagaa 100 ol itti gargaaramaa turan Afaan baafatee isaan eegachaa jira.

Enyeen irrati dhalatan, irrati guddatan garuu beenyaafii galiin lafa sana irra argachuufii maluu kan wagaa 120 kafaluu qabu yoo xiqqatee jechaadha. Kun moo Addaa , Amantaa fi Seenaa Oromo ala fara Oromo kan ta’ee babalidhisanii kan Oromoo diiganii batasikaana , Maskiida fi Church achii gubbaati ijaarratan moo Beenyaafii Gibiri (tax) harka dhibba itti dabalamee kanfaluu qabu isaa yoo xiqqaate.

Namooni tokko tokko mass Media adda adda irrati yeroo wa’ee Finfinne hassa’an argee ture. Akka jecha isaniitti mirga nama tokkoo ( Individual Right ) eguu qabinna yeroo wa’ee Finfinne kaasinnu jedhu. Mirga nama tokkoo eguudhaafi moo Seeraafi Heera biiyyitiin suun jiraachaa turtee irrati hunduufinneti malee hardha namoonii haara dhufanii irrati qubataniidhaaf jechaa seera haraa isaniif hin baafamu. Irrati dhalatanis guddatanis kalleesa lafiti sun kan enyuu ture? Addaa fi Seenaan Ummata sanaa maal ture? Jenneti akka duudhaa Oromoo wagaa 120 dura jiruuti hundaa’amee Seeri (Law) bahuu qaba malee Qubatootaf jechaa Seeri haaran hin ba’uufi. Sana jalati mirg isaniis egamuufi ni danda’a. Akkuma Oromo biyya USA, CANADA Fi EUROPE jirutti lakkawwama malee Oromoof jechaa achiitti dhalateefi guddateef Seerii akka biyya isaanti hin ba’uuf. Oromoon gaafa biyya alaa jiraatu Seera, addaa , fi afaan biyya sanaa kkf hundaa kabajeefi jaalatee biyya sana keessa jiraata.

Kan Oromia keessa moo lakki maal Afaan Oromoo baranna? Lakki maaf Addaa Oromoo jaalanna? Kan jedhuufi jibbins guddaa tokko Ummata Oromo ala jiran irraa dubbisaa jirra. Kan hundaa moo kan babalidhisaa tureefi jiru Mootummota Ethiopia tplf dabalateeti. Mootumman Wayyane (tplf) gochaa jirttu, karoorri (plan) Oromia irrati baasa jirtu irra irrii isa waan garii damma fakkeesitee keesii issaa moo summii dha. Kana hundaa hubachutu nu irra jira. Mootumman HailaSilase saba isa fakkatuuf maalaqa mitti ykn qabeenya mitti kan inni kadhaa dhaqeef. Maalaqa ykn qabeenya siif kenina yeroo jedhaniin lakki ani qabeenya fi maalaqa hin barbaduu, kanin ani barbaduu lammii kootif Gamnummaa (Wise) qofa akka naaf barsiifitan jedheeti biyyotii dhihaa kana kadhachaa akka ture beekamaadha. Kan irran kan ka’ee malaa fi gamnummadhaan Oromia dhalfachaa akka turan beekamaadha malee Oromia irra qabeenya qabataniifi goota ta’anii mitti.

Kanaafuu irra dibaan isaan Oromoof qopheesani maali kan jedhu OPDOn illee irraa barachuu dadhabidde bara baraan moofkamaa jirti. Oromo illee ficisiisaafi mooksiisaa qabeenya keenya daaraa gochisiisa jirti. Ammas yoo ta’ee mootumman tplf ammam Oromia akka miidhaafi saamaa akka jiru isaanis siritti ni beeku. Oromianis ammam akka miidhamaa akka jirtu ni beekinna. Falmmiin keenya faayidaa Ummata Oromo eegisisuu irrati fi gaafachuu irrati lafa meetrii tokko maaf hin taane, qabeenya meezoo ykn dolchee tokko maaf hin taanee irrati falmachuu qabinna. Yoo sana ta’uu baate tufannee bira darbinne waan guddaa akka dhabinnu beekutuu nu irra jira. Xiqqaadhaaf yoo falmanne guddaa dhaaf illee falmanna kabajas arganna.

Alemayehu Tilahun

Leave a Reply

%d bloggers like this: